Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimsee - Abjuun bara beelaa buddeena abjoota
- Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti
Afaan dubbii bare bulluqa alanfata Afaan gaariin afaa gaarii caala - Afaanii bahee gooftaa namaa ta'a
Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa ama of komatu namni hin komatu Amartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin Ana haa nyaatuun beela hin baasu - Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne
- arrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti
Bakkka oolan irra bakka bulan wayya - Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari
Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku - Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti
Bishaan gu'a gahe nama hin nyaatiin, namni du'a gahe si hin abaariin Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe Bishingaan otoo gubattuu kofalti Dabeessa uleen (jirmi) shani Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu - Deegan malee waqayyo hin beekani
dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti - Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan
Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu - Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani
- Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu
- Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba
Dhuufuun waliin mari'atanii dhuufan hin ajooftu - Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu
Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu Fagaatan malee mi'aa biyyaa hin beekani Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin Firri gara firaa jennaan kal'een gara loonii jette Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti - foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe
- fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu
Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani Gabaan fira dhaba malee nama dhabinsa hin iyyitu Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya - Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se'u
- Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
- Gaashatti dhuufuun daalattii dha
Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati - Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju
- Goomattuuf goommanni hin margu
Goondaan walqabattee laga ceeti - Gowwaa wajjin hin haasa'iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa
Gowwaan gaafa deege nagada Gubattee hin agarre ibiddatti gamti Guulaa hin bitiin jiilaa biti
- Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu
- Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu
- Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti
Harki dabaruu wal dhiqxi - Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu
- Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu
Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu - Kan harree hin qabne farda tuffata
Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa'u jette waraabessaan Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti - Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa
Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi Ijoolleen abaa ishee dabeessa hin seetu Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu - Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti
Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa - Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti
Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu - Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce'a
Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti - Intallii haati jajju hin heerumtu
- Itti hirkisaan kabaa hin ta'u
- Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti
- Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe
- Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira
Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu Jabbiin hootu hin mar'attu - Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti
- Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti
- Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa
- Jarjaraan re'ee hin horu
- Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina
Jibicha korma ta'u elmaa irratti beeku Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha Kadhatanii galanii weddisaa hin daakani - Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa
------Itti fufa | Karaan baheef maqaan bahe hin deebi'u - Karaan sobaan darban, deebi'iitti nama dhiba
- Karaa dheeraa milatu gabaabsa, dubbii dheeraa jaarsatu gabaabsa
- Karaa fi halagaatu gargar nama baasa
Keessummaan waan dhubbattu dhabde mucaa kee harma guusi jetti - Keessummaan lolaa dha abbaatu dabarfata
- Keessa marqaa boojjitootu beeka
- Kijiba baranaa manna dhugaa bara egeree wayya
- Kokkolfaa haati goota hin seetu
Kormi biyya isaatti bookkisu biyya namaatti ni mar'ata Kursii irra taa'anii muka hin hamatani Lilmoon qaawwaa ishee hin agartu, qaawwaa namaa duuchiti Lukkuun(hindaaqqoon) haatee haateealbee ittiin qalan baafti Midhaan eeguun baalatti hafe Mucaa keetiin qabii mucaa koo naa qabi jettehaati mucaa Muka jabana qabu reejjiitti dhibaafatu - Morkii dhaaf haaduu liqimsu
Nama foon beeku sombaan hin sobani Namni akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaa nyaate rakkata Namni beela'e waan quufu hin se'u - Namni dhadhaa afaan kaa'an, dhakaa afaan nama kaa'a
Namni guyyaa bofa arge halkan teepha dheessa - Namni hudduu kooban galannii isaa dhuufuu dha
Namni mana tokko ijaaru citaa wal hin saamu Namni nama arabsu nama hin faarsu - Namni badaan bakka itti badutti mari'ata
- Namni gabaabaan otoo kabaja hin argatiin du'a
- Namni qotiyyoo hin qabne qacceen qalqala guutuu dha
- Nama kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko
Niitiin dhirsaaf kafana - Niitiin marii malee fuudhan marii malee baati
- Niitiin afaan kaa'aami'eeffatte yoo kabaluuf jedhan afaan banti
Nitaati jennaan harree qalle, hin tatuu jennaan harree ganne, qoricha jennaan isuma iyyuu dhaqnee dhabne Obboleessa laga gamaa mannaa gogaa dugduu(faaqqii) ollaa ofii wayya Obsaan aannan goromsaa dhuga Of jajjuun saree qarriffaan udaani - Ofi iyyuu ni duuti maaliif of huuti
- Ofii jedhii na dhugi jedhe dhadhaan
- Okolee diddu okkotee hin diddu
Ollaa araban jira akkamittin guddadha jette gurri Ollaan akkam bultee beeka, akkatti bule abbaatu beeka - Ollaafi garaan nama hin diddiin
- Ollaa fi kateen nama xiqqeessiti
- Ol hin liqeessiin horii keetu badaa, gadi hin asaasiin hasa'aa keetu bushaa'a
Otoo beeknuu huuba wajjin jette sareen - Otoo garaan tarsa'e jiruu, darsa tarsa'eef boossi
Qabeenyi fixeensa ganamaati Qalloo keessi sibiila - Qalladhu illee ani obboleessa eebooti jette lilmoon
- qaaqeen yoo mataan ishee marge bade jetti
- Qarri lama wal hin waraanu
- Qeesiinwaaqayyoo itti dheekkam, daawwitii gurgurtee harree bitatte
- Qoonqoon darbu, maqaa hin dabarre nama irra kaa'a
- Qoonqoon bilchina eeggattee, qabbana dadhabde
- Qorichaofii beekan namaa kudhaamu
- Qotee bulaa doofaan, miila kee dhiqadhu jennaa, maalan dhiqadha borus nan qota jedhe
- Qurcii dhaan aboottadhu jennaan, qophoofneerra jedhe
Raadni harree keessa ooltedhuufuu barattee galti - Sa'a bonni ajjeese ganni maqaa fuudhe
- Saddetin heerume jarjarrsaa akka baranaa hin agarre jette jaartiin, salgaffaa irratti waraabessi bunnaan
- Salphoo soqolatte soqolaa gargaaru
Saree soroobduun afaan isheef bukoo ykn. dudda isheef falaxaa hin dhabdu - Sabni namatti jiguu irra gaarri (tulluun) namatti jiguu wayya
- Sareen duttu nama hin ciniintu
- Sanyii ibiddaa daaraatu nama guba
- Sareen warra nyaattuuf dutti
- Seenaa bar dhibbaa baruuf bardhibba jiraachuun dirqama miti
Takkaa dhuufuun namummaa dh, lammmeessuun harrummaadha - Tikseen dhiyootti dhiifte fagootti barbaacha deemti
- Tiksee haaraan horii irraa silmii buqqisaa oolti
Tokko cabe jedhe maraataan dhakaa gabaatti darbatee - tokko kophee dhabeetu booha, tokko immoo miila dhabee booha
- Tufani hin arraabani
- Udaan lafatti jibban funyaan nama tuqa
Ulee fi dubbiin gabaabduu wayya Ulfinaa fi marcuma abbaatu of jala baata - Waa'een garbaa daakuu fi bishaani
Waan ergisaa galu fokkisa Waan jiilaniin kakatu Waan kocaan kaa'e allaattiin hin argu Waan namaa kaballaa malee hin quufani Waan samii bu'e dacheen baachuu hin dadhabu Waan uffattu hin qabdu haguuggatee bobbaa teessi Waan warri waarii hasa'aan, Ijoolen waaree odeesiti - Wadalli harree nitii isaa irraa waraabessa hin dhowwu
Wal-fakkaattiin wal barbaaddi - Wali galan, alaa galan
- Wallaalaan waan beeku dubbata, beekaan waan dubbatu beeka
- Waaqaaf safuu jette hindaaqqoon bishaan liqimsitee
- Warra gowwaa sareen torba
Yoo ala dhiisan mana seenan, yoo mana dhiisan eessa seenan - Yoo boora'e malee hin taliilu
- Yoo ejjennaa tolan darbatanii haleelu
Yoo iyyan malee hin dhalchanii jedhe korbeesi hoolaa kan re'eetiin Yoo suuta ejjetan qoreen suuta nama waraanti - yoo dhaqna of jaalatan fuula dhiqatu
- Yoo namaa oogan eelee jalatti namaa marqu
- yoo ta'eef miinjee naa taata jette intalli
|