Oromo Community in Switzerland

Guddinni hawwaasa Oromoo wabii jireenyaati.
Unity is strength!
Einigkeit macht stark!

Akkaataa Oromoon waaqa kadhatu
Hayyee, hayyee, hayyee!
Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan yaa'ii Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromo
o!
******************* 
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Kan afaaan qorshee caccabe kan abbaan gorsee dadhabe nu irraa qabi
Alaa galda'aa manaa manca'aa nu irraa dhowwi 
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!

Waaqeffataan kitaaba qulqulluu maa dhabe?

Islaamni (Arabni) Quraana ni qaba, Faranjiin ykn Kiristaanni Kitaaba qulqulluu qaba. Habashoonniis ni qabna jiedhu. Waaqayyoo isaanii kennee jira. Oromoon (waaqeffataan) garuu hin qabu. Akka odeeffamutti (darbaa dabarsaa) waaqni oromoofis kitaaba kennee ture. 

Dubbiin akkas ture: Kitaaba kana oromoon dubbisee boqonnaa fudhachuuf yoo gadi bahu hoolaan jalaa liqimsite. Oromtichi yeroo sana hedduu aaree lammaffaa waaqa yoo gaafatu waaqxi itti aaree isa dhorkate. 

Waan kana ta'eef Oromoo yeroo hoolaa qalatu moora ishee baasee gara moora laaltuu deeme fuuldura isaaf raajii himsiifata. Moorri hoolaa akka kitaabaa ta'uu dhaa laata?

Madda : oduu durii

Members Area

Recent Blog Entries

Meeting announcement

Recent Photos

Recent Videos

39623 views - 992 comments