Seensa:
Afaan Oromoo Afaanota Kuush bahaa keessaa tokko. Afaan Oromoo barreessuuf, dubbisuuf Qubeen Laatiinii (Roman script) filatamee hojii irra oolee jira. Biyya oromoo keessatti barmootni idillee akkasuma waajjirri adda addaa afaan oromootiin hojii isaanii dalagu.
Qubeen laatiinii maaliif Qubeen saabaa irra afaan oromoof filatame?
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun adda bahanii waan beekkamaniif
Sagalee dherraa fi gabaabaa waan qabuuf waldhawiinsa hiika jechootaa hin qabu
sagalee jabaa fi laafaa waan qabaniif jijjirama laafinaa fi jabinaa waan hin qabneef
Jijjiiraa qubee laatiin Afaan Ingilizii keessatti dubbachiifuun argisiistuu hin qabu.
Lakkoobsaan muraasa waan ta’eef salphaatti qayyabatama.
Bakka sagaleen jecha tokkoo addaan citutti hudhaa galchuun waan adda baafatamuuf.
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.
Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan 32 ta’u. Guguddaa fi xixiqqaa qabu:Qubee Afaan Oromoo guguddaa:
A B C CH D DH E F G H I J K L M N NY O P PH Q R S SH T TS U V W X Y Z
Qubee Afaan Oromoo Xixiqqaa
a b c ch d dh e f g h I j k l m n ny o p ph q r s sh t ts u v w x y z
Afaan Oromoo keessatti Qubeewaan lama ta'anii wal faana katabaman Qubee Cimdii jedhanii (warreen kanaan ala barreeffaman al tokko tokko qubee qeentee jedhanii waamamu) beekamu. Isaanis:
ch, dh, ny, ph, sh (CH, DH, NY, PH, SH).
Qubeewwan P , V fi Z n sagalee afaan Oromo isa qulqullu keessatti hin mul'atani. Isaanis qubee ergisaati.
Qubeen Afaan Oromoo bakka lamatti qoodama
a) Dubbifamaa
B C CH D DH F G H J K L M N NY P PH Q R S SH T TS V W X Y Z (b c ch d dh f g h j k l m n ny p ph q r s sh t ts v w x y z)
b) Dubbachiiftuu
A E I O U (a e i o u)
Akkaataa Afaan Oromoo itti barreessanii fi Dubbisan
I. Seera jalqabaa
Dubbifamaan ofii sagalee hin qabu, Yoo dubbachiiftuu of biraa qabaate malee
Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.
Dubbachiiftu + Dubbifamaa = Sagalee
Fknf: B + O = BO
B + U = BU
L + O = LO
Sagalee fi sagaleen ammoo walitti idaa’amanii jecha ta’u.
Sagalee + Sagalee = Jecha
Bu + Na = Buna
Ma + Na = Mana
II. Seera dheerinaa fi gabaabbina
Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu danda’a. Kanas kan murteessu qubee dubbachiftuuti.
Sagalee gabaabaa: Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qofa qaba
fknf: a e i o u
Ba Be Bi Bo Bu
Ca Ce Ci Co Cu
. . . . .
. . . . .
Za Ze Zi Zo Zu
Sagalee dheeraa: Sagalee dheeraan dubbachiiftuun gosti tokko lama ta’anii walitti aananii oggaa galanii dha.
aa ee ii oo uu
Baa Bee Bii Boo Buu
. . . . .
Laa Lee Lii Loo Luu
. . . . .
III. Jecha
Jechi sagalee lama ykn lamaa ol irraa hundeeffama. Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu, ykn. ammoo jabaa yookaan laafaa ta’uu danda’a. Tibba tibba immoo wal makee illeejiraachuu ni danda'a.
a) Jechoota sagalee gabaabaa leexaa
Kana jechuun sagaleen gama duraa fi gama boodaa gaggabaaboo oggaa ta’anii dha.
Fknf: Bofa,bona, Bara, Buna, Dhala, dhuma, Fafa, Laga, Mana
b) Jechoota sagalee dheeraa leexaa
Dheeraa leexaa jechuun sagaleen jecha tokko gama duraa fi boodaan dhedheeroo oggaa ta’anii dha.
Fknf: Aanjaa, Aadaa, Eelee, Aagii, Oolaa, Uumaa,Daadhii, Gaarii, kuulii, Nyaataa, Waadaa, Laaqii, Xaafii, Raatuu
c) Jechoota sagalee laafaa
Sagalee laafaan dubbifamaa tokko qofa qaba
Fknf: Buna, Bifa, Fura, Laga, Lama, shora, dhara, gara, qara, quba, ala, eda,
d) Jechoota sagalee jabaa
Sagalee jabaa jechuun dubbifamaan gosti tokko lama ta’anii walityti aananii oggaa galanii dha.
Fknf; Akka, Adda, Bakka, Damma, Amma, irra, Warra, Gurra
Hub: Jabinnii fi laafinni sagalee dubbifamaa irra hundaa’a.
Jalqaba irratti dubbifamaan cimdii ta’ee hin barreeffamu.
IV) Hima
Hima jechuun tuuta jechootaa. Jechootni walitti ijaaramanii hima ta’u.
Jecha + Jecha = Hima
Bishaan + dhuga = Bishaan dhuga
Jimaa + Qama'a = Jimaa qama'a
Buddeena + Nyaata = Buddeena nyaata
V) Irra buta
Jechoota tokko tokko keessatti dubbifamaan gosti lama walitti aananii utuu dubbachiiftuun gidduu hin galiin yeroo barreeffaman irra buta jedhamani yaamamu.
Fknf: arba, harka, galma, galgala, ilma, boombii, dilbii, fuunfachuu, kkf.
Hub: Dubbifamaan sadii ta'ee walitti aanee hin katabamu.
VI) Hudhaa (')
Afaan Oromoo keessatti oggaa dubbisnu, bakka afuurrii sonba irraa ka’ee gara laagaa dhufu sagaleewwaan jecha tokkoo addaankututti hudhaan (’) gala.
Fknf: Re'ee, qe'ee, har’a, baay’ee, hir’uu, xaa’oo, mi’a, bal’aa, qu’uu, waa’ee, kkf.
Cuunfaa barumsa kutaa 1
Itti fufa------------------