Oromo Community in Switzerland

Guddinni hawwaasa Oromoo wabii jireenyaati.
Unity is strength!
Einigkeit macht stark!

Boqonnaa kana keessatti kayyoon keenya Qubee Afaan Oromoo babal'suu dha. Oromoonni ykn. saboonni biroon afaan oromoo barachuuf fedha qabaatan akka itti fayyadamanifi kan yaadame dha. Kana gochuuf maddi baruu fi barsiisuuf nu qarqaaran Kitaabota oromoo fi fuulle caasaa interneti ti.

 
Afaan Oromoo

Seensa:

  Afaan Oromoo Afaanota Kuush bahaa keessaa tokko. Afaan Oromoo barreessuuf, dubbisuuf Qubeen Laatiinii (Roman script) filatamee hojii irra oolee jira. Biyya oromoo keessatti barmootni idillee akkasuma waajjirri adda addaa afaan oromootiin hojii isaanii dalagu.

 Qubeen laatiinii maaliif Qubeen saabaa irra afaan oromoof filatame? 

  • Dubbifamaa fi dubbachiiftuun adda bahanii waan beekkamaniif

  • Sagalee dherraa fi gabaabaa waan qabuuf waldhawiinsa hiika jechootaa hin qabu

  • sagalee jabaa fi laafaa waan qabaniif jijjirama laafinaa fi jabinaa waan hin qabneef

  • Jijjiiraa qubee laatiin Afaan Ingilizii keessatti dubbachiifuun argisiistuu hin qabu.

  • Lakkoobsaan muraasa waan ta’eef salphaatti qayyabatama.

  • Bakka sagaleen jecha tokkoo addaan citutti hudhaa galchuun waan adda baafatamuuf.

 Qubee Afaan Oromoo: Kutaa - 1

Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.

  Qubeen Afaan Oromoo lakkoobsaan 32 ta’u. Guguddaa fi xixiqqaa qabu:

  Qubee Afaan Oromoo guguddaa:

  A     B    C    CH    D     DH     E    F    G    H     I    J    K    L    M    N    NY    O    P    PH    Q     R    S    SH    T     TS    U    V    W    X    Y    Z

  Qubee Afaan Oromoo Xixiqqaa

  a      b     c     ch     d      dh     e     f     g    h     I     j      k     l    m     n      ny     o     p    ph     q     r     s   sh     t      ts    u     v     w     x     y    z  

Afaan Oromoo keessatti Qubeewaan lama ta'anii wal faana katabaman Qubee Cimdii jedhanii (warreen kanaan ala barreeffaman al tokko tokko qubee qeentee jedhanii waamamu) beekamu. Isaanis:

ch, dh, ny, ph, sh (CH, DH, NY, PH, SH).

 Qubeewwan  P , V  fi Z n  sagalee afaan Oromo isa qulqullu keessatti hin mul'atani. Isaanis qubee ergisaati.

  Qubeen Afaan Oromoo bakka lamatti qoodama

 a) Dubbifamaa

  B    C    CH    D     DH        F    G    H      J    K    L    M    N    NY      P    PH    Q     R    S    SH     T    TS      V    W    X    Y    Z  (b     c     ch     d      dh    f     g    h      j      k     l    m     n      ny      p    ph     q     r     s   sh     t      ts     v     w     x     y    z)

b) Dubbachiiftuu

A    E    I   O    U  (a   e   i   o   u)

 

Akkaataa Afaan Oromoo itti barreessanii fi Dubbisan

I. Seera  jalqabaa

  • Dubbifamaan ofii sagalee hin qabu, Yoo dubbachiiftuu of biraa qabaate malee

  • Dubbachiiftuun ammoo ofiis sagalee qabdii dubbifamaafis sagalee kenniti.

Dubbifamaa fi dubbachiiftuun walitti ida’amanii sagalee kennu.

Dubbachiiftu  +  Dubbifamaa  =  Sagalee

 

Fknf:                                                B             +               O              =      BO

 

                                                                    +              U              =      BU

                                                         L             +               O            =       LO

 

 Sagalee fi sagaleen ammoo walitti idaa’amanii jecha ta’u.

                    Sagalee           Sagalee        =           Jecha

                                                         Bu           +           Na                   =              Buna

                                                          Ma          +          Na                   =           Mana

 

II. Seera dheerinaa fi gabaabbina

 Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu danda’a. Kanas kan murteessu qubee dubbachiftuuti.

 Sagalee gabaabaa:  Sagalee gabaabaan dubbachiiftuu tokko qofa qaba

 fknf:                          a                          o        u

                                Ba         Be      Bi      Bo      Bu

                                Ca        Ce      Ci     Co      Cu

                                 .             .          .        .          .

                                 .             .          .        .          .

                                 .             .          .        .          .

                                 Za        Ze      Zi     Zo       Zu

 

 Sagalee dheeraa:  Sagalee dheeraan dubbachiiftuun gosti tokko lama ta’anii walitti aananii oggaa galanii dha.

 

                                 aa              ee          ii          oo           uu

                                Baa            Bee      Bii        Boo        Buu

                                 .            .            .       .          .

                                Laa           Lee        Lii       Loo         Luu

                                 .                   .            .           .               .

                                 .                   .            .           .               .

                                 Zaa           Zee       Zii        Zoo         Zuu

                             

 III. Jecha

Jechi sagalee lama ykn lamaa ol irraa hundeeffama. Sagaleen jecha tokkoo dheeraa ykn gabaabaa ta’uu,  ykn. ammoo jabaa yookaan laafaa ta’uu danda’a. Tibba tibba immoo wal makee illeejiraachuu ni danda'a.

 a) Jechoota sagalee gabaabaa leexaa 

Kana jechuun  sagaleen gama duraa fi gama boodaa gaggabaaboo oggaa ta’anii dha.

Fknf:  Bofa,bona, Bara, Buna, Dhala, dhuma, Fafa, Laga,  Mana

 

b) Jechoota sagalee dheeraa leexaa 

Dheeraa leexaa jechuun sagaleen jecha tokko gama duraa fi boodaan dhedheeroo oggaa ta’anii dha.

  Fknf:  Aanjaa, Aadaa, Eelee, Aagii, Oolaa, Uumaa,Daadhii, Gaarii, kuulii, Nyaataa,  Waadaa, Laaqii, Xaafii, Raatuu

 c) Jechoota sagalee laafaa

 

 Sagalee laafaan dubbifamaa tokko qofa qaba

Fknf: Buna, Bifa, Fura, Laga, Lama, shora, dhara, gara, qara, quba, ala, eda,

 

d) Jechoota sagalee jabaa  

Sagalee jabaa jechuun dubbifamaan gosti tokko lama ta’anii walityti aananii oggaa galanii dha.

Fknf; Akka, Adda, Bakka, Damma, Amma, irra, Warra, Gurra

 

Hub: Jabinnii fi laafinni sagalee dubbifamaa irra hundaa’a.

  • Jalqaba irratti  dubbifamaan cimdii  ta’ee hin barreeffamu.

 

IV) Hima

  Hima jechuun tuuta jechootaa. Jechootni walitti ijaaramanii hima ta’u.

 

           Jecha      +       Jecha     =    Hima

                          Bishaan      +      dhuga       =  Bishaan dhuga

                              Jimaa      +    Qama'a       =   Jimaa qama'a  

                                 Buddeena       +       Nyaata     =    Buddeena nyaata

 

V) Irra buta


  Jechoota tokko tokko keessatti dubbifamaan gosti lama walitti aananii utuu dubbachiiftuun gidduu hin galiin yeroo barreeffaman irra buta jedhamani yaamamu.

Fknf:  arba, harka, galma, galgala, ilma, boombii, dilbii, fuunfachuu, kkf.

 Hub: Dubbifamaan sadii ta'ee walitti aanee hin katabamu.

 

VI) Hudhaa (')

Afaan Oromoo keessatti oggaa dubbisnu, bakka afuurrii sonba irraa ka’ee gara laagaa dhufu sagaleewwaan jecha tokkoo addaankututti hudhaan (’) gala.

Fknf: Re'ee, qe'ee, har’a, baay’ee, hir’uu, xaa’oo, mi’a, bal’aa, qu’uu,   waa’ee, kkf.

  Cuunfaa barumsa kutaa 1

  •  Dubbachiiftuu fi dubbifamaan sagalee ta’u. Sagalee fi sagaleen ammoo jecha kennu
  • Gabaabinni fi dheerinni sagalee dubbachiiftuu ilaala. Laaffinnii fi jabinni sagalee ammoo dubbifamaa hubata. 
  • Qubee tokko(dubbachiiftuu ykn dubbifamaa) ida’uun ykn hir’isuun hiika jechaa ni jijjiira
  • Dubbifamaan gosti lama yoo walitti aananii galan inni jalqabaa irra butamee isa lammaffaa irratti jabaata. Kanaaf irra-buta jedhama
  • Hudhaan jecha tokko oggaa dubbisnu bakka afuurri sonba irraa ka’ee gara laagaa dhufu sagaleewwan jecha sanaa addaan kututti gala.


 

  Itti fufa------------------

Members Area

Recent Blog Entries

by Hawaas | 3 comments

Meeting announcement

No upcoming events

Recent Photos

 

Recent Videos

5483 views - 6 comments